Sababa sigiga dhagaan daandii Finfinneerraa gara Gojjam geessuu cufame.

79

Finfinnee,Hagayya 07/2013(TOI) - Sababa sigiga dhagaan daandii Finfinneerraa gara Gojjamitti geessurratti mudateen tajaajilli geejibaa adda cituu Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa beeksise.

Daandii Finfinneerraa gara Gojjamitti geessu Gammoojjii Abbayyaa bakka Filiqliq jedhamutti guyyaa har’aa sababa balaa sigiga dhagaa mudateen tajaajilli Geejibaa adda cituu Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Itiyoophiyaa beeksiseera.

Rakkoo kana hatattaman furuuf Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa ogeeyyii suphaa hatattamaa hojjatan gara bakkichaatti erguun hojjachaa kan jiru yoo ta’u, hojichi xumurame daandiichi yoo banamu kan beeksisuu ta’uus Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa fuula feesbuukiisaarratti beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015