Pireezdaantiin FDRI Itoophiyaatti waamamaa Fandii qonna idil addunyaa waliin mari’atan

62

Finfinnee, Hagayya 6/2013 (TOI) - Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Itoophiyaatti waamamaa Fandii Qonna Idil Addunyaa Maawiiraa Chiitiimaan waliin mari’ataniiru.

Itti Waamamichi Dhaabbanni Fandii Qonna Idil Addunyaa Itoophiyaatti damee qonnaan deeggarsa bal’aa taasiisaa jiru caalmaatti cimsuu fi hojii ammayyeessuurratti hiojjetamaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Dhaabbatichi Itoophiyaatti Doolaara miiliyoona dhibba 7 oliin Piroojektiiwwan garaagaraa kan hojjete yoo ta’u, mootummaan waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf karoora qabaachuu ibsameera.

Pireezdaant Saahilawarq dhaabbatichi galmoota mootummaan damichaan hojjechuuf qabate raawwachiisuuf deeggarsa eegalee cimsee itti akka fufu hubachiisuu ragaan Waajjira Pireezdaan FDRI irraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015