Dorgommii kubbaa saaphanaa Afriikaa Kaayirootti adeemsifamu irratti kilaboonni Walaayittaa Diichaa fi Mugar simiintoo ni hirmaatu.

207

Finfinnee Bitootessa 16/2011 Dorgommii kubbaa saaphanaa Afriikaa 38ffaa Gibtsitti adeemsifamu irratti kilaboonni Walaayittaa Diichaa fi Mugar simintoo Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni hirmaatu.

Federeeshinii kubbaa saaphanaa Afriikaan /CAV/ kan qophaa’u dorgommiin waggaa waggaan adeemsifamu Bitootessa 30 hanga Ebla 11/2011 Kaayirootti kan argamu Jimnaaziyeemii vooliiboolii Alhaliitti adeemsifama.

Dorgommicha irratti kilaboonni kubbaa saaphanaa Afriikaa 24 ni hirmaatu jedhameetu eegama.

Itti gaafatamaan Federeeshinii kubbaa saaphanaa Afriikaa  obbo Takiluu Shawaayyee Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti, kilaboonni lamaanuu dorgommicharratti kan hirmaatan federeeshiinii kubbaa harkaa Afriikaan kilaboota Iiytoophiyaaf afeerraa taasifameeni.

Walaayittaa Diichaa fi Mugar Simiintoo dorgommicharratti kan hirmaatan bara 2010 A.I kubbaa saaphanaa piriimerliigii duraa duubaan 1ffaa fi 2ffaa ba’uu isaaniin akka ta’e dubbataniiru.

Qophii dorgommichaaf akka gargaaru kilaboonni lamaanuu har’aa eegalee akkaadaamii dargaggootaa fi Ispoortii Itiyoophiyaatti shaakaluu akka eegalan eeraniiru.

Walaayittaa Diichaa bara 2007 fi 2010 A.I dorgommii kilaboota kubbaa saaphanaa Afriikaa adeemsifamerratti hirmaannaa taasisuu isaanii fi carraa lamaanuu ramaddii utuu hin darbiin hafuu yaadataniiru.

Dorgommii kilaboota kubbaa saaphanaa Afriikaatti kilaboonni Itiyoophiyaa hirmaachuun isaanii muuxannoo argachuurra darbee kilaboota Afriikaa keessaa sadarkaa irra jiran baruuf akka isaan dandeeessisu ibsaniiru.

Waggaa darbe dorgommii kubbaa saaphanaa Afriikaa 37ffaa Gibtsii Kaayirootti adeemsifameen kilabiin biyyattii Ali Halii mo’atee akka ture ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015