Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Afaariitti haleellaa lammiilee nagaarra qaqqabe gaddi itti dhaga'amuu ibse

58

Finfinnee, Hagayya 06/2013 (TOI) - Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Afaariitti haleellaa gareen ABUT lammiilee nagaa buufata tursaa keessa turanirra qaqqabsiiseef gaddi itti dhaga'amuu ibseera.

Bulchiinsi magaalichaa gochaa suukanneessaa gareen Shororkeessaa ABUT lammiilee nagaa buufata fayyaa keessa qubatanii turanirratti raawwwate balaaleeffateera.

Hoggansi fi jiraattoonni magaalichaa hundi gochaa garaa jabinaa lammiilee Itoophiyarratti raawwatameef gaddi guddaan itti dhaga’amuu himeera.

Bulchiinsi magaalichaa ummata Afaarii fi Itoophiyaa maraaf jajjabina hawweera.

Ummanni Afaar haleellaa kanaaf kan saaxilame diina biyya diiguuf socho’aa jiru dura dhaabbachuuf ta’uu isaa ibseera.

Garichi fedhii dhuunfaa isaa guuttachuuf tibbana Daandii Jiibuutii adda kutuuf irra deddeebiin yaalii taasiisaa jiraachuu ibseera.

Yaa ta’uutii yaalichi gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa, humna addaa fi milishaa naannoo Afaariin fashalaa’uu bulchiinsi magaalichaa ibsa baaseen eereera.

Tarkaanfii humnoonni kunneen qindoominaan irratti fudhaniin kana are gareen shororkeessaa ABUT meeshaalee waraanaa gurguddoo fayyadamuun lammiilee nagaa sababa rakkoon nageenyaa buqqa’anii buufata keessa turan 240 galaafachuu himeera.

Lammiilee sababa haleellaa raawwatameen lubbuu isaanii dhaban, miidhaan qaama irra ga'ee fi qabeenya barbadaa'eef gaddi itti dhaga'amuu ibseera.

Gochaan badii gareen shororkeessaa ABUT ummatarraan ga’u dhaabbachuu kan danda’u Ummanni Itoophiyaa waloon ta’uun yoo barbadeesse qofa ta’uu bulchiinsi magaalichaa kaaseera.

Garee badii kana har’a wareegama barbaachisu kaffaluun yoo hin dhabamsiifamne dhaloota dhufu dhibee hammaataa dhaalchisuu ta’uu isaa hubatamuu qaba jedheera.

Diina dhaloota ammaa fi dhufuu kana dhabamsiisuuf wareegamaa fi hirmaannaa ummanni biyyattii hanga ammaatti agarsiise bulchiinsi magaalaa Finfinnee kan dinqisiifatu ta’uu ibseera.

Bulchiinsi magaalichaa duulli kun injifannoon hanga xumuramutti kallattii hundaan deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu ibsa baaseen mirkaneesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015