Saaxilamummaa lolaa hir’isuuf bu’uraaleen misoomaa birrii miiliyoona 600'n ijaarameera.

79

Finfinnee,Hagayya 6/2013(TOI) Abbaan Taayitaa misooma yaa'awwanii naannolee garaagaraatti ijaarsa bu’uraalee misoomaa saaxilamummaa lolaa hir’isuu danda’u birrii miiliyoona 600tti siquun ijaaruusaa beeksise.

Koreen ittisa lolaa dursaa abbaa taayitichaa hojiiwwan raawwatamanii fi kan itti aanu irratti mari’ataniiru.

Maree Kanarratti walitti qabaan korichaa ministira Bishaanii, Jallisii fi Inarjii doktar injinar Silashii Baqqalaa, ministira nageenyaa Mufariyaat Kaamilii fi itti gaafatamtoonni hojii dhaabbilee garaagaraa hirmaataniiru.

Doktar injir Silashii Baqqalaa marii kanarratti akka jedhanitti mariin kun korichi hojii dhaabbileen dhuunfaan hojjetaa turan qindeessuun hojii bu’a qabeessa hojjechuuf dandeessisu kan taasisudha.

Bara bajataa xumurame kanatti dhimmoota balaa lolaa mudatee ture gamaggamuun maal akka hojjetamee fi yeroo itti aanummoo maaltu hojjetamuuf akka eegamu ilaaluu isaanii ibsaniiru.

Ganna bara 2012tti balaa lolaa uumame ka’umsa taasisuun balaa lolaa amma qaqqabuu danda’u hir’isuuf hojii bal’aan hojjetamuu isaa eeraniiru.

Daayirektarri olaanaan abbaa taayitaa misooma yaa'awwanii doktar Adaanech Yaareed, ganna bara 2013tti naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Affaariin dabalatee kanneen biroo naannolee torbatti saaxilamummaa lolaa hir’isuuf ijaarsa bu’uraalee misoomaa baasii birrii miiliyoona 600tti siquuun hojjetameera.

Korichi hojii ittisa lolaa hir’isuuf bu’a qabeessa taasisuuf dandeessisu dhaabbilee murteessoon itti dabalamuu isaanii hubachiisaniiru.

Hojii ittisa lolaarratti hawaasa bakka fooyya’aa qubachiisuu dabalatee bishaan hidhuu fi ijaarsa bu’uraalee misooma kanneen biroon hojjetamuu isaa ibsaniiru.

Saaxilamummaa lolaa hir’isuuf mootummaa federaalaa fi naannoolee gidduutti bulchiinsi hidhaa fi ijaarsa bu’uraalee misooma hojjechuuf qindoominaan hojjetamaa dhufuun ciminaan ilaalameera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015