Bara bajataa darbe lammileen miiliyoona 4 ol itti fayyadamoo Bishaan dhugaatii qulqulluu ta'aniiru.

70

Finfinnee, Hagayya 06/2013 (TOI) - Bara bajataa xumuramee lammileen miiliyoona 4 ol ta'aan itti fayyadamoo bishaan dhugaatii qulqulluu akka ta'an ministeerri Bishaan , Jallisii fi Inarjii beeksise.

Ministeerichii bakka hoggansii Biiroo Bishaani Naannoolee, deeggartoota misoomaa damichaafi miseensonni koree dhaabbii qabeenya uummamaafi jallisi argamanitti Magaalaa Adaamaatti raawwii hojii damee bishaan dhugaatiifi saaniteshinii bara 2013 irratti mari’ateera.

Ministirri Bishaan,Jallisii fi Inarjii Dr. Injiinar Silaashi Baqqalaa bara 2013ti waliin gahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluu dabaluuf dhaabbilee bishaani adda addaa kuma 9 ol ijaaramaniiru jedhan.

Kunis lammilee miiliyoona 4 ol fayyadamoo taasiseera jedhaniiru.

Raawwiin hojii bara 2013 kan kanaan duraa caalaa fooyyee kan qabu ta'us , dhaabbileen Bishaan dhugaatii qulqullii manca'uunii fi qinsasa'insii jiru dabalaa jira. kanaanis magaaloota tokko tokkootti qisaasa'insi jiru harka 39 gahuu ministirichii beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015