Dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin mudachaa jiru dandamachuuf kunuunsa qabeenya uumamaatiif xiyyeefannoo kennuun murteessaadha - Yuunivarsiitii Madda walaabuu

96

Finfinnee, Hagayya06/2013(TOI)- Dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin mudachaa jiru dandamachuuf kunuunsa qabeenya uumamaatiif xiyyeefannoo kennuun barbaachisa akka tahee Yuunivarsiitiin Madda walaabuu hime.

Hojjjattoonni Yuunivarsiitichaa sagantaa akka biyyaatti “Itoophiyaa haa uwwifnuu” jedhuun geggefamaa jiru milkeessuuf dhaabbii biqiltuu geggessan.

Hawaasni Yuunivarsiitichaa sagantaa ashaaraa magariisaa kan geeggesan godina Baalee aanaa Goobbaa paarkii jeneraal waaqoo guutuutiin moggaafame keessattidha.

Biqiltoonni sagantaa ashaaraa magaariisaa kanaan dhaabbatan kanneen kunuunsa biyyeef bishaaniitiif oolaniifi fuduraa nyaata gara garaatiif oolu tahuunis himamera.

Saganticharratti hirmaachuun ashaaraa ofii kan kaahan pirezidaantiin Yuunivarsiitii Madda walaabuu Doktor Ahmad Kaliil akka jedhanitti Yuunivarsiitiin madda walaabuu sirna baruuf barsiisuu geeggessuun cinaatti tajaajila hawaasa fayyadamoo taasisan gara garaa keessatti qooda fudhachaa jiraachuu himan.

Kaayyoon sagantaa ashaaraa magariisaa kunis waamicha akka biyyaatti “Itoophiyaa haa uwwifnu” jechuun taasifame akka milkaahuuf gumaacha keenya bahuuf jedhan.Biqiltuu dhaabuun qofti galma miti kan jedhan Dr. Ahmad hawaasni yuunivarsitichaa kunuunsa isaa irrattis hirmaachuun bu’aa barbaadamuuf geessisuu akka qabus dhaaman.

Itti Aanaa Pirezidaantii dhimmoota Qorannoo,tajaajila hawaasaaf cehumsa teeknooloojii Yuunivarsiiticha Doktor Hasan Shifaa gama isaaniitiin Yuunivarsiitichi dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin dhufaa jiru qolachuuf kunuunsa qabeenya uumamaatiif xiyyeefannoo kennuun murteessaa tahuu dubbatan.

Sagantaan dhaabbii biqiltuu kunis qaamuma carraaqqii kanaati kan jedhan Dr. Hasan biqiltuun dhaabame kanas kunuunsuun galma hedameef gahee carraa hojii namaaf akka uumuuf ni hojjannas jedhan.

Hojjattoonni yuunivarsiitichaa sagantaa ashaaraa magariisaa kanarratti hirmaatan gama isaaniitiin biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taanee kunuunsinee galma hedameef gahuun magariisummaa biyyaa dabaluuf kan hojjatan tahuu dubbatan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015