Aadde Mufariyaat Ambaasaaddara Ingiliz waliin mari’atan

355

Finfinnee, Hagayya 6, 2013 (TOI) – Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ingiliz Dooktar Alaastaayer Maakfiil waliin mari’ataniiru.

Deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay, Amaaraa fi Afaar haala saffisaan dhiyeessuun danda’amuu fi dhimmoota waqtaawaarratti mari’ataniiru.