Paartiin Dimokiraatawwaa Tigiraay haleellaa gareen shororkeessaa ABUT naannoo Afaaritti daa'immanirratti raawwate balaaleffate.

57

Finfinnee, Hagayya 04/2013 (TOI) - Paartiin Dimokiraatawwaa Tigiraay haleellaa gareen shororkeessaa ABUT naannoo Afaaritti daa'immanirratti raawwate akka balaaleffatu beeksise.

Naannoo Afaaritti haleella gareen Shororkeessaa ABUT raawwateen daa'imman 107 dabalatee lammileen nagaa 240 ajjeefamee Aljeeziraan gabaasuusa ni yaadatama.

Gareen shororkeessa kun naannoo Afaar bakka Kalikumaa jedhamutti magaaloota fi manneen barnootatarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwate jedhameera.

Mootummaan gama isaan dhukaasa dhaabus garichi ammaas naannoolee ollaa naannoo Tigiraayrratti haleella raawwatu cimsee itti fufuusa gabaaseera.

Hojii shorkeessummaa raawwaturrattis karaa naannoo Afaar daa'imman hiriirsuusa gabaasni kun ifoomseera.

Waraana gariichi raawwachaa jiru kanaan lammileen baay'een qe'ee fi qabeenyasaanirra buqqa'unis himameera.

Paartiin dimookiraatawwaa Tigiraay haleella lammilee nagaarratti raawwatame kana akka balaaleffatu beeksiseera.

Dubbi himaan Paarticha Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti garichi gochaasa kanaan dura ittiin beekamu ammaas raawwachaa jirachuun baay'ee kan isaan gaddisiisera.

Gareen kun Tigiraay keessatti umamee malee safuu ummata kana kan hin qabnedha kan jedhan dubbi himaan paartichaa kun gareen kun haga dhabamsiifamutti gochaasa kanarra waan dhaabbatu miti jedhaniiru.

Kanaaf ummanni Itoophiyaa garee kana dhabamsiisuuf tokkummaan hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Haleella lammilee nagaarratti raawwatameefis ummata Afaarii fi Mootummaa naannicha gadda isaanitti dhaga'amee ibsuufi himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015