Gareen shororkeessaa ABUT Naannoo Affaritti lammilee nagaa 240 ajjeesu Aljeeziraan gabaase.

59

Finfinnee, Hagayya 3/2013 (TOI) - Naannoo Affaaritti haleellaa gareen shororkeessaa ABUT raawwateen daa'imman 107 dabalatee lammileen nagaa 240 ta'an ajjeefamu Aljeeziraan gabaasera.

Mootummaan gama isaan murtoo waranaa dhaabu fudhatuus gareen kun ammaas naannoolee ollaarratti haleellaa raawwachaa jiraachu gabaasa kanaan eerameera.

Dhiheeyyaa kana Itoophiyaa kan daawwatan hoggantuun Ejensii gargaarsa idil addunyaa Ameerikaa(USAID) Samaantaa Paawor sochiin shorkaa gareen shorkeessaa ABUT gochaa jiru akka isaan yaaddese dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Sababaa shororkaa gareen kun raawwatuun naannoo Affaari fi Amahaaraa irraa lammileen hedduun qe'eefi qabeenya isaaniirra buqqa'uu himanii turan.

Akka Aljeeziraan gabaasetti garee shororkeessaa kun naannoo Affaar Kalikumaa naannoo jedhamutti magaalota fi manneen barnootaa irratti haleellaa raawwateera.

Kanaanis daa'imman 107 dabalatee lammilee nagaa 240 ajjeesuu fi lammileen kumoota dhibbaan lakka'aman immoo qe'eefi qabeenya isaanirra buqqa'uu gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015