Gareem shororkeessaa ABUT loyee naannoo Amahaaraa lixe humana milishaa fi humna addaa naannoo Amahaaraa gadhidha.

89

Finfinnee, Adooleessa 30/2013 (TOI) - Gareem shororkeessaa ABUT loyee naannoo Amahaaraa lixe humana milishaa fi humna addaa naannoo Amahaaraa gadi ta'e ta'uu Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa beeksiise.

Gareen shororkeessaa kun hanga badutti oduun soba fi burjaajii uumuu hin dhaabbatu waan ta'eef hawaasni oduu sobaa fi burjaajii gareen kun uumurra of eeguu qaba jedheera.

Daayreektarri Qunnamtii Ummataa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Kolooneel Geetinnat Adaaneen ibsa kennaniin, Itoophiyaa oolchuuf duulli taasifamaa jiru cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Koloneel Geetinnat, gareen shororkeessaa ABUT adda waraanaa karaa Raayyaa aanaa Gubbaa laaftoo fi Harbuutti uummata naannichaan haleellaa irra gahee damdamachuu dadhabee meeshaa waraanaa isaa gatee baqachuu himaniiru.

Milishaan naannoo Amahaara miseensoota garee shororkeessitoota booji'an Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabarsaanii kennaa jiraachuu kan himan Koloneelichi, meeshaa waraanaa isaan itti fayyadama turan milishaa miseensota garee kanaa booji'an akka itti fayyadaman taasifama jira jedhaniiru.

Ta'us garuu gareen kun kisaaraa irra gahee damdamachuu dadhabee kan gara Gashanaa, Takulaash fi Qulmasikiitti dheesse akkuma kanaan duraa odeeffannoo soba fi poropogaandaa bareen ummata burjaajessa jira jedhaniiru.

Odeeffannoo sobaa garee shorkoosseessa ABUT tamsaasuun hawaasni jeeqamuu akka hin qabne himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015