Oloompikii Tookiyoo 2020'n har'a figichi fageenya adda addaa kan atileetoonni Itoophiyaa irratti hirmaatan ni geggeeffama.

86

Finfinnee, Adoolessa 30/2013(TOI)- Oloompikii Tookiyoo 2020'n figichi fageenya meetira 5,000 dhiraa fi Meetira 1,500 dubartootaan akkasuma fageenya kilomeetira 20 tarkaanfii kan dubartootaan dorgomamuu har’a xumurama.

Itoophiyaarraa meetira 5,000’n dhiiraan Milkeesaa Mangashaa, meetiira 1,500 dubaraan ammoo Fireewaayiin Hayiluu , tarkaanfii kilomeetira 20 immoo Yehayiliyyee Ballaxee ni hirmaatu.

Tarkaanfiin kilomeetira 20 har'a saatii 4:30, fiigichi meetira 5000 guyyaa saatii 9:00 fi meetirri 1,500 immoo guyyaa saatii 9:50 irraa eegalamee ni geggeeffama jedhameera.

Dorgommii har'aa irratti dhalattuu Itoophiyaa kan taatee Shampiyoonin Olompikii fageenyaa Meetira 5,000 Siifan Haasan morkiin tasistuu ni egama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015