‘’Bulchinsi Pireezedaanti Joo Baayidan imaammata dogoggoraa Itoophiyaarratti gaggeessaa jiru sirreessuu qaba’’- Loowuransi Firiimaan

60

Finfinnee, Adoolessa 25/2013(TOI)- Bulchinsi Pireezedaanti Joo Baayidan imaammata dogoggoraa Itoophiyaarratti gaggeessaa jiru sirreessuun akka irraa eeggamuu xinxalaan dhimmoota diinagdeefi siyaasaa Afrikaa Loowuransi Firiimaan himan.

Imammattoota misooma diinagdee Afriikaarratti waggoota 30 oliif kan qoratan Loowuransi Firiimaan, barreeffama Ameerikaan Afrikaarratti keessuma Itoophiyaarratti imaamanni hordofaa jirtu dabaa dhufuu ibsu dhiyyeessaniiru.

Itoophiyaan hooggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad jalatti bara kana qofa filannoo milkii qabeessa gaggeessuufi guutinsa bishaani hidha haroomsaa marsaa 2ffaa milkiin xumuruun hojiiwwan ijoo lama raawwachuus eeraniiru.

Pireezedaanti Joo Baayidan garuu milkiiwwan kanneenif ergaa baga gammaddanii hin dabarsines jedhan.

Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Biliinkanis taanan, sirna siyaasaa mataasaani biyyoota biroorratti fe’uuf hojjachaa jirus jedhan Loowuransi Firiimaan.

Imaammata Ameerikaan Afrikaarratti gaggeessitu keessaa carraaqqii Itoophiyaan ofiin of bulchuufi hirkattummaa diinagdee jala bahuuf taasistuun gufuuwwan hedduun jiraachuus kaasaniiru.

Walitti bu’insi babal’ate Afrikaanoonni hedduun rakkoof saaxilamuu isaanin dura bulchinsi Joo Baayidan imaammata dogoggoraa Itoophiyaarratti hordofaa jiru sirreessuuf itti hin dhiine jechuun yaadasaani xumuraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015