Ibiddi paarkichatti qabate balaa hamaa osoo hin geessisiin to’achuuf yaalamaa jira

65

Gobbaa Bitootessa  16/2011 Ibidda daangaa Paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Baalee keessatti qabate miidhaa cimaa osoo hin geessisiin hirmaannaa hawaasaa fi qaamolee nageenyaatiin yaaliin taasifamaa akka jiru beekameera.

Hoogganaan waajjira paarkii biyyaalessaa gaarreewwan Baalee obbo Aschaaloo Gaashaawu tajaajila oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti, ibiddi kun kaleessaa eegalee kan qaqqabe godinichatti aanaalee Gobbaa fi Diinshoo keessattidha.

Kutaan paarkichaa ibiddi itti qabate sanyiiwwan mukootaa salphaatti ibiddi itti qabatuun waan uwwifameef dafanii to’achuuf akka rakkise dubbataniiru.

Hogganichi akka jedhanitti, ibidda kana to’achuuf yaalii taasifamuun cinaatti, namoota ibidda kana kaasaniiru jedhamanii shakkaman poolisiin naannawaa to’annaa jala oolchee qorachaa akka jiru addeessaniiru.

Hawaasni faayidaa iikoo-tuurizimii fi kanneen biro paarkicharraa argamu akka walii qooduu fi abbummaasaa akka cimsatu gochuudhaan dhiibbaa irra ga’aa jiru hir’isuudhaaf qaamolee dhimmi ilaalu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jirus obbo Ascchaaloon dabalanii ibsaniiru.

Ibiddicha dhaamsuurratti kan hirmaatan keessaa obbo Mu’aaz Eliyaas akka jedhanitti , paarkiin biyyaalessaa gaarreewwan Baalee biyyarra darbee hambaa addunyaa akka ta’u yaaliin taasifamaa jira.

Wayita ammaa bosona kanarratti balaan ibiddaa deddeebi’ee mudachaa akka jiru yaadatanii, qaamoleen mootummaa dhimmi ilaaluu fi kutaaleen hawaasaa rakkoo kanaaf xiyyeeffannaa akka kennan gaafataniiru.

“Yeroo addaddaa ibiddi bosons kana waita qabatu hordofanii dhaamsuun akkuma jirutti ta’ee, tarkaanfiin seeraa kanneen seera cabsan irratti fudhatamu cimuu qaba” kan jedhan ammoo obbo Mahimud Tamaamidha.

Paarkiin biyyaalessaa gaarreewwan Baalee galmee Yuuneeskoo kan yeroo irratti kan galmaa’e yoo ta’u, bineensotaa fi simbirroowwan mararsiifamoo ta’an addaddaa of keessatti qabateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015