Lammiileen Itoophiyaa Sudaan jiraatan Hiriira deeggarsa Raayyaa Ittisaa Biyyaaf gaggeessan

79

Finfinnee, Adooleessa 24/2013 (TOI) – Lammiileen Itoophiyaa Sudaan jiraatan Hiriira deeggarsa Raayyaa Ittisaa Biyyaa fi gochaa badii garee Shororkeessaa ABUT balaaleeffatu gaggeessaniiru.

Lammiileen kunneen Addabaabayiitti ba'uun sagalee mormii garee ABUT fi deeggarsa Raayyaa Ittisaa dhageessisaniiru.

Hiriirtoonni kunneen geddugaltummaa fi dhiibbaa alaa mootummaa Itoophiyaarra ga'aa jirus balaalleeffataniiru.

Sudaanitti ergamaan Addaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimiroon lammiileen kunneen hiriira deeggarsaa gaggeessaniif galateeffataniiru. Gochaa garee shororkeessaa ABUT qaamni hundi balaaleeffachuu akka qabu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015