Bulchiinsi magaalichaa humnoota nageenyaa naannoo Affaaritti argamaniif deeggarsa meeshaalee adda addaa taasise

75

Finfinnee, Adooleessa 23/2013 (TOI)-Bulchiinsi magaalaa Finfinnee humnoota nageenyaa naannoo Affaaritti argamaniif meeshaalee nyaata adda addaa taasiseera.

Bulchiinsi magaalichaa gareen shoroorkeessaa ABUT tokkummaa Itoophiyaarratti hojii shororkaa raawwataa jiru ittisuuf hawaasarra kan walitti qabamee meeshaalee nyaata garagaraa naannoo Affaariif laateera.

Guyyoota darbaniis deeggarsi hawaasarra walitti qabamee humnoota nageenyaa naannoo Amaaraa fi naannoo Affaaritti argamaniif kaleessaarra eegalee raabsamaa jiraachuu itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Deeggarsi taasifamuus cimee kan itti fufuu ta’uu kan ibsan aadde Adaanach jiraattoonni magaalichaa abbootiin qabeenyaa deeggarsa taasisaniif galateeffachuu ragaan Pirees Sekreetariyaat magaalichaarra argamee ni muul’dhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015