Obbo Dammaqaan Ministira Alaa Kaanaadaa waliin mari'atan

60

Finfinnee, Adooleessa 22/2013 (TOI) –Itti aanaan Ministiraa Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin Ministira Alaa Kaanaadaa Maark Gaarnuu waliin mari'ataniiru.

Dhimmoota waqtaawaa naannoo Tigraayii fi haala hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuun danda'amurratti mari'ataniiru.

Haala siyaasaa fi deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayii ilaalchisee marii taasiisaniiru.

Mootummaan federaalaa tarkaanfii dhukaasa dhaabuu gamtokkee taasiisuun nageenya buusuuf deeggarsi namoomaa sirnaan akka dhiyaatu yaadee ta'uu obbo Dammaqaan kaasaniiru.

Yaa ta'uutii tarkaanfii mootummaan fudhateef hawaasni idil addunyaa beekkamtii laachuu dhabuun kan isaan yaachise ta'uu kaasaniiru.

Kaanaadaa dabalatee,dhaabbileen idil addunyaa garichi tarkaanfii dhukaasaa dhaabuu akka kabajuu dhiibbaa akka taasiisan gaafataniiru.

Haaleellaa garichi haaraa baneen jiraattoonni naannoo Amaaraa fi Afaar keessaa buqqa'an kumni dhibbi 2 haalli keessa jiran hawaasa idil addunyaa yaachisuu akka qabu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015