Haalli qilleensaa Hurriin uffifamee waqtii gannaa kana akan duraan akka mudachuu danda'uu raagameedha - Ejansii Meetirooloojii Biyyaalessaa - ENA Afaan Oromoo
Haalli qilleensaa Hurriin uffifamee waqtii gannaa kana akan duraan akka mudachuu danda'uu raagameedha - Ejansii Meetirooloojii Biyyaalessaa
Finfinnee, Adoolessa 21/2013(TOI) - Itoophiyaattii torban kana haalli qilleensaa hurrii qabu bakka adda addaatti mudaachaa jira.
Ejansii Meetirooloojii Biyyaalessaa akka himeetti haalli qilleensaa hurriin uffifamee kun raaga haala qilleensaa waqtii Gannaan kan durumaa raagameedha.
Ejensichii Qilleensi hurrii qabu kun miidhaa akka hin dhaqqabsiisifneef of eeggannoo taasisuun akka barbaachisu hubachiiseera.
Daariktarri Olaanaan Ejansichaa obbo Faxxanee Tashoomaa akka himanitti; Waqtii Gannaa kanatti Roobni roobuu idileefi idileen olitti roobuu akka danda’u ragaa haala qilleensarraa kan hubate ta’uu Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himaniiru.
Hurriin kun dukkana umuun akka fagootti hin garree waan dhorkuun Konkolaachiftoonnii ofeeggannoo gochuu akka qabaniis obbo Faxxaneen himaniiru.
Ejansiin Meetiroolojii Biyyaaleessa Itoophiyaa garee daandii qilleensaa Itoophiyaa fi Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Itoophiyaa waliin haalaa geejiba qilleensaa irratti waliin mari'achaa hojjechaa jiraachuu himaniiru.