Hidha haaromsichaarra ammaas ija keenya hin kaafnu- Mejer Jeneraal Hilmaa Mardaasaa

69

Finfinnee, Adooleessa 15/2013(TOI) - "Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaarraa ammaas ija keenya osoo hin kaasiin nageenya isaa eegaa jirra jedhan ajajaan Olaanaa Humna qilleensaa FDRI Mejer jeneraal Hilmaa Mardaasaa.

Humni qilleensaa FDRI ajaja mootummaan kennuun humana biyya diigiif yaaluu kamirrattu bakka kamitiyyuu haleeluuf qophaa'a ta'u Mejer jeneraal Hilmaan himaniiru.

Mejer jeneraal Hilmaa Mardaasaa Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti qocholloo keessa fi alaan dhiibban hidha haaromsaa guddichaarra gahuuf godhamaan qormaata waktaawwaa Itoophoyaa ta'ee tureera.

"'Dhiibba Itoophiyaan qaxanichatti qabdu kan hin barbaanne humnoonni alaa baandawwaan keessaa waliin ta'uun dhiibbawwan adda addaa taasisaa turaniiru'' jedhaniiru.

Kaayyoon humanoota kanaas hidha haaromsaa guddichaa uummanni Itoophiyaa humna isaan ijaarachaa jiru karaatti hambisuudha jeshaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015