Guutinsi bishaanii marsaa 2ffaa Hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaa karaa milkii xummuramuun isaa Itoophiyaanoonni yoo tokkomaan kaayyoo isaanirra humni dhaabu akka hin jirre kan agarsiisedha - Jiraattota godina Gujii lixaa

95

Finfinnee Adooleessa 15/2013(TOI) - Guutinsi bishaanii marsaa 2ffaa Hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaa karaa milkii xummuramuun isaa Itoophiyaanoonni yoo tokkomaan kaayyoo isaanirra humni dhaabu akka hin jirree kan agarsiisedha jedhan Jiraattonni godina Gujii lixaa.

Jiraattoonni kuneen deeggarsa hidha haaromsaaf taasisaan cimsanii kan itti fufan ta'uus himaniiru.

Jiraattoonni godinichaa Tajaajilli Oduu Itoophiyaa dubbise akka himaniitti guutinsi hidhichaa marsaan lammaaffa kun karaa milkiin xumuramuun isaa humnoonni badii biyya diiguuf alaa fi keessaan hojjetaan akka mo'amaan kan agarsiisedha jedhaniiru.

Guddinnii fi misoomni biyyaa akka hin gufanne sabaafi sablamoonni tokko taanee gochaa diinoota ni qolannaa jechuun ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015