Korporeeshinich hojjetoota Indastirii Paarkii Hawaasaaf mana jireenya ijaaruufi.

66

Finfinnee,Adooleessa 14/2013(TOI)- Korporeeshiniin Paarkiwwanii Itoophiyaa hojjetoota Indastirii Paarkii Hawaasaaf mana jireenya ijaaruufi.

Korporeeshinich ijraarsa mana jireenya kanaaf dhaabbata Korneerstoon Hawuusing dippilomaat giruup jedhamu waliin waliigaltee mallateessera.

Waliigaltichas Hoji geggeessaa olaanaa korporeeshinicha obbo Saandok Dabbabaa fi hoji geggeessaa Giruuppichaa Siraak Ambaayeetu mallatteesse.

Sadarkaa biyyaatti paarkiiwwan indaastirii 13 jiran keessa hojjeetoota kuma 85 ta'anitu jiru. Kun immoo magaalootarratti dhiibbaa uumaa jira jedhani obbo Saandook

Naannawwaa paarkootatti manni jireenya waan hin jirreef hojjetoonni baay'ee rakkachuu kan himan hoji geggeessaan kun sababaa kanaanis hojiin haala barbaadamuun hojjetamaa hin jiru jedhaniiru.

Rakkoo kana furuufis mootummaan hojii qorannoorratti hundaa'e hojjechaa akka jiru himanii, dureeyyoonni manneen jireenyaa ijaarsanii paarkiiwwaan Indaastiriif dhiheesuun filannoo gaarii ta'ee argameera jedha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015