Uummanni Raayyaa Ittisa Biyyaaf dawoo ta'uu qaba - Jiraattoota Godina Walaayittaa

82

Finfinneee, Adooleessa 14/2013 (TOI) - Daangaa Itoophiyaa eegaa kan jiruu raayyaa ittisa biyyaa uummataaf dawoo ta'eefi jiruuf uummannis dahannoo ta'uu qaba jedhame.

Jiraattoonni Godina Walaayittaa deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi guutnsa bishaanii hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa marsaa 2ffaan gammachuu itti dhaga'amee ibsaachuuf hiriraa bahaaniru.

Hiriira kana irratti aanaalee godinicha hundarra kan walitti dhufaan kutaaleen hawaasaa hundi fi kanneen dhimmi ilaallatu argamaniiru jedhameera.

Bulchaan godina Walaayittaa dooktar Indiraas Geetaa hiriirtoota kanaaf galata galchaniiru. ''Akkuma Aduwaa irratti tokko taanee injiffanne nuun Itoophiyaannoonni ammas waltaanee hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa hojjechaa jirruun nurra darbee Afrikaanoota hundaaf abdii ni danda'ama jedhuuf bu'ura kan ka'aa jirrudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015