Guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuun gamtaan yoo hojjennee milkaa'ina gonfachuu akka dandeenyu nu agarsiiseera - Pireezidaanttoota naannoolee

85

Finfinnee, Adooleessa 12/2013(TOI) - Guutinsi Bishaanii Hidha Haaromsaa guddicha Itoophiyaa marsaa 2ffaan milkiin xumuramuun gamtaan yoo hojjennee milkaa'ina gonfachuu akka dandeenyu kan nu agarsiisedha jedhan Pireezidaanttoota naannoolee.

Pireezidaantoonni naannolee Guutinsa hidhichaa marsaa lammaffaan xummuramuu ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarsaniin.

Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangul gumuuz obbo Ashaadilii Hasan ergaa baga gammaddanii dabarsaniin hidha haaromsaa gudiichi akka hin mirkoofneef diinoonni alaa fi keessaan dhiibbaa gochaa turaniiru jedhaniiru.

Itoophiyaan fayyadamummaa waloo kan bu'ureeffateen hidhicha hojjechaa jirtu ta'uu yaadachisuun , mootummanis kana qabatee ijjennoo isaa osoo hin jijjiriin waggootaaf qabsaa'a turuu himaniiru.

Marsaa laffaaf hidhichi yeroo ammaa bishaaniin guutamuun isaa uummannni fi mootumman wal ta'anii yoo hojjetaan waanni hin milkeessine akka hin jirre kan agarsiisedhas jedhaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Gambeellaa obbo Omood Ujuluu gama isaaniin Hojiin Itoophiyaanoonni hawiin eegan milkiin xummuramuun isaa gara fuula duraatti waan hojjechuuf karoorfanneef kaka'umsaa kan uumudha jedhaniiru.

Ummannii fi mootummaan naannichaas haga dhumaatti deeggarsa barbaachisisuu dhihichaaf gochuuf qophii ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015