Pireezedaant Saahilawarq Atleetoota Itoophiyaa Olompikii Tookiyoorratti hirmaatan gaggeessan.

158

Finfinnee, Adoolessa 07/2013(TOI)- Pireezedaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Atleetoota Olompikii Tookiyoo 2020 irratti hirmaatan kabajaan gaggeessaniiru.

Alteetoonni kunneen Olompikii Tookiyoorratti onnee guutuun seenaa haaraa akka galmeessan adaraa dhaamaniiru.Seenaa Itoophiyaan maaraatooniin Room irratti Atleet Abbabaa Biqilaan eegaltee fi Olompikii Baarseeloonaarratti injifannoo Komaandaar Atleet Daraartuu Tulluun galmaa’e haaraomsuuf seenaa akka galmeessan adaraa dhaabaniiru.

Moo’achuun isaanii moo’annaa Itoophiyaa ta’uu hubachuun, tokkummaan waan humna isaanii akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.

Sagantaa gaggeessaa garee Atleetootaa kanarratti Pireezedaantii Federeeshinii Atleetiksii Itoophiyaa Komaandar Atleet Daraartuu Tulluu fi Ministira Ministeera Aadaa fi Tuurizimii Dr. Hiruu Kaasaw dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa fi hoggantoonni koree Olompikii argamaniiru.

Jila kanaaf Alaabaan Itoophiyaa Kabajaan kennameera .

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015