"Kabajaa Raayyaa Ittisa biyyaaf'' mata duree jedhuun sagantaan biqiltuu dhaabuu torban tokkoof turu jalqabame.

101

Finfinnee 6/2013 (TOI) - "Kabajaa Raayyaa Ittisa biyyaaf'' mata duree jedhuun sagantaan biqiltuu dhaabuu torban tokkoof turu har'a jalqabame.

Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa fi hoggaansi jaarmichaa Eekkaatti kan argamuu Paarkii Bar kumee keessa biqiltuu dhaabaniiru.

Hojii geggeessan bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Xiratuu Bayyanee sirna kanarratti akka jedhaniitti raayyaan ittisa biyyaa dirqama biyyaa bahuun cinaatti hojii misooma biyyaa irrattis ashaaraa isaa kaa'a jira.

Rayyaan ittisa biyyaa dhiiga isaa lolaasee tokkummaan biyyaa eegamee akka itti fufu gochuu isaaf galatatuu malaaf jedhaniiru.

Raayyichi hojii idilee isaan cinaatti hojii hawaasumma irratti hirmaachuun uummata tajaajila jira jedhaniiru.

Yeroo ammaa kanas sagantaa Itoophiyaatti haa uwwinsinun hojii kana hojjechaa jira jedhaniiru.

Raayyaa Ittisa biyyaatti bakka bu'aan daareektoreetii Indooktirineeshiinii birgaader jeneraal Asfaawu Maamecaa sirna kana irratti argamuun akka jedhaniiti dhimmi biyyaatti magariisa uffisuu dhaloota boriif biyya mijattuu dhaalchisuudha jedhaniiru.

Deeggarisi uummata raayyicha haamlee guddaa akka ta'e himuun misooma biyyaa deeggaruu fi birmadummaa biyya isaa kabachiisuuf raayyaan Ittisa biyyaa yoom iyyuu aarsaa barbaachisu kanfaluuf qophii ta'uus himaniiru.

Sirna biqiltuu dhaabuu kana irratti kan argaman miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa hojiin kun waadaa biyya keenyaaf gallee waliin yoo ilaalamuu waan xiqqoodha jedhaniiru.

Sirna kana irratti dhaabbanni dhuunfaan tokko Raayyaa Ittisa biyyaaf birri miiliyoona 3 kennaan kenneefira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015