Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad gaaffi fi yaadoota miseensota mana maree irraa dhihaatan irratti ibsa kennaa jiru.

137

Finfinnee, Waxabajjii 29/2013(TOI) - Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wixinee bajata bara 2014 fi haala yeroo irratti gaaffii fi yaadota miseensota mana maree bakka bu'oota ummataa irraa dhihaataniif ibsa kennaa jiru.

Miseensoonni mana maree bakka bu'oota uummataa wixinee bajata bara 2014, dhimoota filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa ilaalchisuun,dhimmaa nageenyaa , dinagdee, Fayyaafi dhimmoota hawaasummaa, carraa hojii uumuufi dhimmoota biroo kan waktawaa fi biyyaa irratti gaaffi fi yaadoota adda addaa kaasaniiru.

Dhimmoota akka gaaffi fi yaadatti miseensota mana maree bakka bu'oota ummataa irra ka'an kanneen irratti ministirri muummee doktar Abiy Ahimad ibsaa fi yaada keenna jiru.

Dooktar Abiy Qaala’iinsa jireenyaa fi haala waqtaawaa diinagdee biyyattii ilaalchisuun gaaffii miseensoota mana marichaarraa baay'ee irraa dhihaateef deebii kennaniiru.

Itoophiyaan qormaata hunda darbuun daandii guddinaa qabattee imalaa jiraachuu eeraniiru. Weerarri vaayrasii Koroonaa fi hoomaan awwaannisaa diinagdee biyyaa qormaata guddaarra buuseera jedhan.

Balaa uumaamaa fi nam tolcheen lubbuu fi qabeenyi lammiilee hedduun gaaga’ameera.Taateewwan kunneen Itoophiyaatti qaala’iinsi jireenyaa dachaan akka dabalu taasiisuu ibsaniiru.

Jijjiirramaan as diinagdeen Itoophiyaa guddina olaanaa galmeessuu itti fufeera jedhan.

Damee Qonnaa, albuudaa, kuduraa fi muduraan, ijaarsa Piroojektoota misoomaan hojiin bu’aa qabeessa ta’e hojjetamuu ibsaniiru. Bara oomishaa kana yeroo jalqabaaf misooma jallisii boneen qamadiin kuntaalli miiliyoonni 15 argamuu ibsaniiru.

Maallaqni socho’aan baankootaa Tiriiliyoona tokko caaleera. Guddinni Itoophiyaa biyya keessaa tiriiliyoona 3 ol ga’eera.

Diinagdeen al ergii Itoophiyaa % 18 guddateera. Invastiimantiin alaa Itoophiyaa % 20 guddachuu eeraniiru.

Galiin nama dhuunfaa waggaan Doolaara kuma 1 ol ga’uu ibsaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa % 60 tajaajila humna Elektirikaa argachaa hin jiran, kana furuuf ni hojjetama.

Bara baajataa kana hojiin maallaqaa fi imammata maallaqaa to’achuu xiyyeeffannoon hojjetama jedhan.

Bara oomishaa kana lafti qonnaa kamiiyyuu hagabuu buluu hin qabu.

Hojiin misooma qonna jallisii bonee fi qonna kilaasteraa xiyyeeffannoo olaanaan hojjetama jedhaniiru.

Sagantaa Ashaaraa magariisaa milkeessuun kallattii hundaan faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Sababoota garaagaraan hammi oomisha Simmintoo xiqqaachuu isaan gatiin Simmintoo dabaluu eeruun, rakkicha furuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.Piroojektoota eegalamaan xumuruuf tattaaffiin ni taasiifama.

Piroojektoonni harkifachuun qisaasa’ina qabeenyaa fi humna namaa olaanaa waan qaqqabsiisuuf yeroon xumuruuf ni hojjetama jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015