Yeroo Sagaleen kennamuu haala Kovid_19 ittisuu jiddugaleessa godhateen raawwachuuf qophii goonera - Raawwachiiftoota Filannoo.

63

Finfinnee,Waxabajjii 13/ 2013 (TOI) - Filannoo biyyaalessa boru geggeeffamurratti yeroo Sagaleen kennamu haala Kovid_19 ittisuu jiddugaleessa godhateen raawwachuuf qophii goonera jedhan Raawwachiiftoonni Filannoo magaalaa Bishooftuu.

Filannichi rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuramuuf hojjechaa akka jiran dargaggoon magaalichatti hojii tola ooltummaa hojjetan himaniiru.

Magaalaa Bishooftuutti bufataalee filannoo 113 qophiin filannoo boruuf barbaachisu hunduu xumurameera jedhameera.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaas bufatalee filannoo kanneen dhaquun akka ilaaletti meeshaleen barbaachisoo ta'an qophaa'anii akka jiran taajjabera.

Bufataalee filannoo jiranitti bakki taajjabdoonni fi komii dhaggeffatoonni taa'an haalan qophaa'era.

Manni qopheessa Magaalichaa guyyaa kana biqiltuwwaan kuma 400 dhaabuuf qophaa'uu isaa beeksiseera.

Biqiltoota dhaabbatan keessaa % 40 kaneen nyaataf oolanidhas jedhameera.

Itti aanaa waajjira mana qopheessaa Magaalaa Bishooftuu obbo Kabbadaa Gonfaa akka jedhanitti ganna kana an dhaabbata biqiltuun miiliyoona 8 mootummaa fi waldaaleen IMX qopheessaaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015