Murtoon liigii Arabaa yaada Warri Gibtsi waggoota hedduuf itti dhama'aa turan kan fudhatama hin qabneedha- Minsteera dhimma alaa

62

Finfinnee,Waxabajjii 09/2013 (TOI) - Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa ilaalchisuun murtoo seera maleessa Liigiin Arabaa dabarsee yaada sirrii hin taaneefi fudhatama seeraa hin qabnee kan kanaan dura warri Gibtsi waggoota baay'eef ittiin dhama'aa turan ta'uu dubbi himaan ministeera dhimma alaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftii himan.

Ambaasaaddar Diinaa Muftii iibsa har'aa gaazexeessitootaaf keennaniin akka jedhaniitti Murtoon liigiin Arabaa dabarse gama Itoophiyaatiin gonkuma fudhatama kan hin qabnedha jedhaniiru.

Murtoo liigiin Arabaa dhimmi Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa akka dhimma siyaasaa akkasumas rakkoo idil addunyaa akka waan ta'ee akka fakkatuu dabarsee Itoophiyaan hin fudhattu jedhaniiru.

Haala kanaan Warri Gibtsi waggoota hedduuf dhimma laga abbaayyaa furuuf yaalaniiru.

Haalli kun immoo bu'uura seeraa kan hin qabneedha jedhan Ambaasaaddar Diinaa Muftiin.

Gama biraan Liigiin Arabaa dhimmi Laga Naayil dhimmaa biyyoota sadeenii qofa godhanii ilaalun dogoggora.

Liigichi biyyoota yaa'a laga Naayiil warra kaan dagachuun dogoggora jedhaniiru.

Murtoon Liigii Arabaa kun Fayiidaa Sudaanii fi Gibtsi qofaa jiddugala kan godhateefii biyyoota yaa'a lagichaa qooddatan warra kaan immoo kan dagatee waan ta'eef murtoon kun bu'uura seeraa hin qabu jedhaniiru.

Liigiin Arabaa dhimmayyuu osoo jiru dhimma hidha haaromsa guddichaaf dhimmuun sirri miti kan jedhan Ambaasaaddar Diinaa Muftii Itoophiyaan Murticha gonkuma hin fudhattu jedhaniiru.

Hidhichi kan Afrikaati. Fallas kennuu kan danda'uu Afirkaanootuma ta'uu akka qabu eeraniiru.

Lagini Naayil Sudaanii fi Gibtsi qofaaf osoo hin ta'iin Itoophiyaadhafis dhimma jiraachuuf jiraachuu dhiisuu waan ta'eef rakkoon jiru maariin furamuu qaba jedhaniiru.

Itoophiyaan uummata ishee gara % 60 dukkana keessa jiruuf humna ibsaa dhiheesuuf laga kana fayyadamuun dirqama qabdiis jedhaniiru.

Dippiloomasii lammilee irratti xiyyeeffateen torbee kana keessa hojiin hedduun hojjetamuu Ambaasaaddar Diinaan ibsa isaaniin himaniiru.

Kanaanis baqatoonni hedduun gara biyya isaniitti deebi'aruu jedhan.

Ambaasaaddar Diinaan haala waqtaawaa naannoo Tigraayii fi dhiyeessii deeggarsa namoomaa ilaalchisee ibsa laataniiru.

Sarbama mirga namoomaa qaqqabe jedhame qaamni walaba ta’e akka qoratu Ityoophiyaa murannoo qabaachuu Gamtaa Awurooppaaf ibsamuu himaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015