Daawwannaan Pireezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan tibbana Itoophiyaatti taasiisan mikaa'adha –Ministeera Alaa

58

Finfinnee, Waxabajjii 3/2013 (TOI) – Daawwannaan Pireezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan tibbana Itoophiyaatti taasiisan mikaa'a ta'u Ministeerri dhimma Alaa beeksiseera.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin dhimmoota waqtaawarratti ibsa torbee miidiyaaleef kennaniiru.

Daawwannaan Pireezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan tibbana Itoophiyaatti taasiisan milkaa'aa fi hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’u Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

Waliigaltee Tajaajila Teeleekoomii Dhaabbata Giloobaal Paartinashiip Foor Itoophiyaa waliin mallattaa’e irraatti ergaa hirmaatin booda Ministiri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Pireezdaanti Uhuuruu Keeniyaataan dhimmoota waloorratti marii bu’aa qabeessa taasiisuu himaniiru.

Waliigalteen Tajaajila Teeleekoomii Dhaabbata Giloobaal Paartinashiip Foor Itoophiyaa waliin mallattaa’e diinagdee Itoophiyaaf ga’ee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Lammiilee miiliyoona 1.5f carraa hojjii uumas jedhan

Haala qabatama naannoo Tigraay ilaalchisee
Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa, dhabbilee deeggarsa namoomaa fi bakka bu'oota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mariin taasiifamuu himaniiru.

Naannoo Tigraayitti duula olaantummaa seeraa kabachiisuu hordofee miidhaa qaqqabe deebisee ijaaruuf Mootummaan hojii heduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Lammiilee miiliyoona 4.5 deeggarsi qaqqabuu himaniiru.

Hojiileen dippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffachuun hojjetameen bu’aa jajjabeessan argamuu Ambaasaaddar Diinaan kaasaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa fi dhalootaan Itoophiyaa Kaanaadaa keessa jiraatan Ijaarsa Hidha Haaromsaaf Doolaara kuma dhibba 3 deeggarsa taasiisuu eeraniiru.

Torbee kana lammiileen kumni 1 fi 136 Baha Giddugaleessarraa gara biyyaa deebi’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015