Itoophiyaa fi Raashiyaan tumsa dhimmoota Odeeffannoo fi Tika Nageenyaarratti taasiisan cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsan

60

Finfinnee, Waxabajjii 2/2013 (TOI) – Itoophiyaa fi Raashiyaan tumsa dhimmoota Odeeffannoo fi Tika Nageenyaarratti taasiisan cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

Daayreektarri Jeneraalaa Tajaajila Odeeffanoo Biyyaaleessaa fi Tika Nageenyaa obbo Tamasgeen Xiruunehi Itoophiyaatti ambaasaaddara Raashiyaa Iyaavganii Tarkiin waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Biyyoonni lamaan hariiroo seenaa fi aadaa bara dheeraa qabaachuu obbo Tamasgeen ibsaniiru.

Qormaata Itoophiyaa yeroof muudataa jiru ce’uuf dhimmoota tumsa barbaachisanirratti mari’achuu eeraniiru.

Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Nageenya Biyyaalessaa bilisaa fi dhaabbata Piroofeeshinaalii sadarkaa idil addunyaa eeggate taasiisuuf tumsi Raashiyaan damichaan taasiiftu shoora olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Tumsi biyyoota lamaanii yeroo rakkinaa qormaata muudatu darbuun bu’aa agarsiise ta’uu isaan damee odeeffannoo fi nageenyaanis cimee akka itti fufu marii taasiisuu dubbataniiru.

Itoophiyaatti ambaasaaddarri Raashiyaa Iyaavganii Tarkiin gama isaaniin Raashiyaan tumsa dameewwan garaagaraan Itoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti jedhan.

Hariiroon dhimmoota Odeeffannoo fi Tika Nageeyaa biyyoota lamaanii sadarkaa fooyya’arra akka ga’uuf hojiileen adda addaa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Ce’umsa Teeknooloojii, Ijaarsa Dandeettii fi odeeffannoo wal jijjiiruurratti waloon hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirratti Daayreektara Jeneraalaa Tajaajila Odeeffanoo Biyyaaleessaa fi Tika Nageenyaa obbo Tamasgeen Xiruunehi marii taasiisuu ibsaniiru.

Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayiitti gaggeeffame waliin walqabatee ajandaawwan ka’anirratti biyyoota michuu Itoophiyaa biroo waliin ta’uun biyyattii cinaa kan dhaabbatan ta’uu Tajaajilli Odeeffannoo Biyyaalessaa fi Tika Nageenya ibsa Tajaajila Oduu Itoophiyaaf ergeen himeera.
.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015