Tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa sirna kafaltii ammayyaa diriirsuuf hojjechaa jira

62

Finfinnee Bitootessa 11/2011 Tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa sirna kafaltii haaraa hojiirra oolchuuf hojiiwwan haal duree hojjechaa akka jiru beeksise.

Maamiltoonni kafaltii elektiriikii karaa ammayyaa akka kafalan hojmaanni hojiirra oolu baankii daldalaa Itiyoophiyaa waliin ta’uunidha.

Wayita ammaa ragaalee bu’uraa maamiltootaa walitti qabaa kan jiru yoo ta’u, hojmaanni kun hojiirra kan oolu ragaaleen maamiltootarraa walitti qabamanii walii galteen erga raawwatamee boodadha.

Sirni kafaltii ammayyaatti kan fayyadaman lakkooftuu dubbifamutti kan fayyadaman human elektiriikii guddaa kan fayyadamanidha.

Maamiltoonni humna xiqqaa fayyadaman eeyyamamaa yoo ta’an sirna kafaltii kanatti fayyadamuu akka danda’anis ibsaniiru.

Maamiltoonni sirna kafaltii kanaa kafaltii tajaajila elektriikaa karaa hojmaata ammayyaa walitti qabuuf dandeessisuurra darbee maamiltootaaf tajaajila si'ataa fi qulqullina qabu kennuuf kan gargaarudha.

Akkasumas ragaan maamiltootaa baankii fi dhaabbaticha jidduutti ofeeggannoodhaan kan qabamu waan ta'eef  kanaan dura kafaltii baatii raawwachuuf sa'aatii qisaasamu akka hanbisu tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa beeksiseera.

" Maamiltoonni yeroo kafaltii dagachuudhaan wal qabatee qisaasa maallaqaa fi yeroo dabalataa kan oolchudha" jedheera.

Maamiltoonni eerrega baankiirraa maallaqa hir'ifame kan ibsu naga'een galii kan qophaa'uuf  yoo ta'u, ergaan gabaabaa waa'ee maallaqa eerraga isaaniirraa hir'ifamee barreeffama gabaabaadhaan moobaayiliisaaniitiin isaan qaqqaba.

Maamiltoonni humna olaanaa fayyadamanii fi fayyadamtoonni humna gadi aanaa fayyadaman fedhiisaaniitiin jiddu galeessa kenniinsa tajaajila elektiriikii Itiyoophiyaa dhihoosaaniitti argamutti boca qophaa'erratti walii galuusaanii akka beeksisan waamichi dhihaateera.

Maamiltoonni humna ibsaa guddaa fayyadaman erregasaanii karaa baankii raawwachuu akka danda'an baankii daldalaa Itiyoophiyaa waliin Amajjii 13 bara 2011 walii galtee malatteessuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015