Godina Gujiitti basii birrii miiliyoona 268n daandiin Konkolaataa hojjetame

67

Nagallee Bitootessa 11/2011 Naannoo Oromiyaa godina Gujiitti daandiin konkolaataa  baasii birrii miiliyoona 268n ijaarame eebbifamee tajaajila eegale.

Itti gaafatamaan waajjira abbaa taayitaa daandiiwwanii godina Gujii obbo Nagaash Bulaalaa sirna eebbaa kaleessa raawwatamerratti akka jedhanitti,  daandiin baasii mootummaatiin hojjetame kun aanaa Girjaarraa amma Adoolaa-Shaakkisoo kan ga'u kiiloomeetira 45 kan dheeratudha.

Daandiin meetira kudhan dheeratu kun hojjetamuunsaa aanaalee sdii tulluu fi lagaan gargar ba'an gandoota baadiyyaa 10 waliin kan walitti hidhu ta'uun ibsameera.

Pirojektii daandii kana kan eebbisan itti gaafatamaa abbaa taayitaa daandiiwwanii naannoo Oromiyaa  Dr. Injiinar Haabtaamuu Ittafaa gamasaaniitiin, hanqina kontiraaktaraa fi dhabamuu bulchiinsa gaariitiin ijaarsi daandii kanaa waggoota saddetiif duubatti harkifamuusaa eeraniiru.

Pirojektoonni duubatti harkifatan akka xumuraman mootummaan xiyyeeffatee hojjecgaa akka jiru eeranii , haala kanaan gaaffii ummataaf deebii kennaa akka jiru daandiin kun tajaajilaaf ga'uunsaa agarsiiftuudha jedhaniiru.

Obbo Wandimmaagenyi Mindaayee godinichatti jiraataa aanaa Girjaa yoo ta'an, daandiin kun osoo hin hojjetamiin dura aanaa kanarraa magaalaa Anfaraaraa irraa aanaalee Adoolaa fi Shakkisoo ga'uuf miilaan sa'aatii 12 akka deeman yaada kennaniin ibsaniiru.

Daandiin kun hojjetamuusaatiin konkolaataadhaan deemuudhaan dadhabbii, yeroo fi baasiin akka hir'ateef dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015