Naannoo Hararitti dorgommiin fiigicha daandii irra mata-duree “Abbayyaaf nan fiigaa” jedhuun geggeeffame.

137

Finfinnee,Caamsaa 28/2013(TOI) - Naannoo Hararitti dorgommiin fiigicha daandii irra mata-duree “Abbayyaaf nan fiigaa” jedhuun geggeeffame.

Dorgommichi magaalaa Harar marfata Calaanqoorra hanga marfata Raas Makonniinitti geggeeffame jedhame.

Dorgommiin kun kan qophaa'e qopheessummaa Biiroo Kominikeshinii Mootummaa Naannoo Hararii fi Waajjira Qindeessa Hirmannaa Hawaasa Hidha Haaromsaa Naannoo Harariin ta’uun ibsameera.

Dorgommichi korniyaa lamaanu kan hirmaachise ta’uufi hirmaattonni 300 ol dhaadannoo “Hidhichi kan kooti” jedhu qabachuun irratti hirmaataniiru.

Itti Gaafatamaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Hararii fi Waajjira Qindeessa Hirmannaa Hawaasa Hidha Haaromsaa obbo Heenok Muluuneh waancaan hidha haaromasaa yeroo ammaa aanaalee naannoo Hararii keessatti argaman keessaa naanaha kan jiru ta’uu himuun, hanga ammaa aanaalee 6 irraa Birriin miiliyoonni 4 ol walitti qabamuu ibsan.

Fiigichii daandii irraa mata-duree “Abbayyaaf nan fiigaa” jedhun qophaa’e kun kayyoon isaa deeggarsa hidha kanaaf taasifamu cimsuuf yaadameti jedhame.

Hirmaattota dorgomiicha injifataniif badhaasni waancaa kennameerafi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015