Fiixeen Mindaa jijjiirraa taphattootaaf daangeeffamee ture akka ka'u murtaa'e

138

Finfinnee, Caamsaa 23/2013 (TOI) - Waldaan Aksiyoonii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa fiixeen jijjiirraa taphattoota kilaboota liigichaa Birrii kuma 50n daangeffamee ture akka ka'u murteesse.

Waldaan Aksiyoonii Priimeyar Liigii Ityoophiya Yaa'ii idilee waliigalaa gaggeesseen fooyya'iinsa fiixee mindaa jijjiirraa taphattoota kilaboota liigichaa Birrii kuma 50n daangeffamee ture, durgoo oolmaa abbootii murtee fi komishinarootaa ilaalchisee dhiyaaterraatti mari'achuun murtoo dabarseera.

Fiixeen mindaa jijjiirraa taphattootaa daangeeffamuun jalqaburraa dogongora ta'uu fi kilaboota rakkoolee garaagaraaf saaxiluu walitti qabaan boordii Waldaa Aksiyoonii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa ajejaan dhibbaa Fiqaaduu Maammoon dubbataniiru.

Fiixeen mindaa jijjiirraa taphattootaa kaa'amuun guddina kubbaa miilarraati dhiibbaa uumuurra darbee taaksii mootummaan adeemsicharraa argachuuf ture dhabsiisuu eeraniiru.

Yeroo itti aanu taphattoonni daangeffama malee akkaataa dandeettii isaaniin mindaa humna isaanii gituun jijjiirramuu akka danda'an murtaa'uu ibsaniiru.

Galii gurgurtaa tamsaasa kallattiirraa argame Doolaara miiliyoona 4 keessaa % 60 kilaboota hundaaf walqixa kan qooddame yoo ta'u,% 25 ammoo akkaataa sadarkaa isaaniin qoodamuufii eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015