Itoophiyaa bakka argama Innooveshinii Afrikaa gochuuf hojjetamaa jira jedhame.

85

Finfinnee,Caamsaa 19/2013(TOI)- Itoophiyaa bakka argama Innooveshinii Afrikaa gochuuf hojjetamaa jira jedhame.

Waltajjiin marii mata duree ‘’Itoophiyaa bakka argama Innooveshinii fi Teeknooloojii haaraa haa taasisnu’’ jedhu irratti Hogganttoonni olaanoon fi Abbootiin Qabeenyaa Ameerikaa irratti hirmaachuun mari’atameera.

Waltajjicha irratti diinagdee Dijiitaala Itoophiyaa ijaaruuf hojiilee hojjetamaa jiran qaama dhimmi ilaallatuuf ibsi kennameefiira.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa, mootummaan daldalaaf haala mijaa’aa uumuu fi abbootii qabeenyaa biyya alaa simachuuf fooyya’insi seeraa garaagaraa hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Dinagdee damee dhuunfaan durfamu ijaaruufis foyy’isni seeraa daldalaa taasifamuu fi labsiin invaastimentii bahuusaa dubbataniiru. Deetaan Ministira Innooveshinii fi Teeknooloojii Dr. Ahimadin Mohaammad akka himanitti, Itoophiyaan dinagdee dijiitaalaa ijaaruuf kan dandeessisan fooyya’insa damichaa taasisaa jira.

Abbootiin qabeenyaa Ameerikaa fooyya’insa damichaa Itoophiyaatti hojjetamaa jiru akka waan milkaa’inaatti fudhachuun hojjechuuu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015