Vaayrasii koroonaa ittisuuf hirmaannaa hunda galeessaa cimsuun barbaachisaadha-Obbo Dammaqaa

46

Finfinnee, Caamsaa 6/2013 (TOI)- Itti aanaan Minstira muumee fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin sagantaa irraa deebii ittisa COVID-19 biyyoolessaa eegalchiisuurratti vaayrasii koroonaa ittisuuf hirmaannaa hunda galeessaa cimsuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Obbo Dammaqaan sadarkaa biyyoolessaa fi naannootti sochii sagantaa mata dure ''irra deebiin xiyyeeffannoo vaayrasii koroonaa'' jedhu baatiiwwan lamaaf turu eegalchisaniiru.

Ministirichi koree biyyoolessaa Covid-19, pireezdaantoota naannolee fi hoggantoota hojii mootummaa biroo waliin marii viidiyoo konfiraansiin gaggeessaniiru.

Marichaan weerara vaayrasii koroonaa idil addunyaa fi biyyoolessaa yaada keessaa galchuun hooggansii sadarkaan jiru qaamoleen ilaallatuu hundi milkaa’insa sochiichaaf xiyyeeffannoo laachuun qindoominaan hawaasa hirmaachisuun hojjechuu qabu jedhaniiru.

Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, karooraa sochii irra deebiin ittisa vaayrasii koroonaa biyyoolessaa dhiyeessaniiru.

Tamsa’inni vaayrasichaa yeroo ammaan kana haala yaaddeessaarra jiraachuu ibsun, vaayrasiicha ittisuun ammentaa du’aa hir’suu, hirmaannaa hunda galeessaa cimsuu, hubannoo uumuu fi hojii sochii seeraa kabajiichuu, humna qorannoo fi uwwisa talaallii guddisuurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015