Balaa tiraafikaa hir’isuuf meeshaan saffisa daangessu hojii jalqabuufi

87

Bitootessa 6/2011 Balaa tiraafikaa saffisaan walqabatee ga’aa jiru hir’isuuf kan dandeessisu meeshaan saffisa daangessu baatii sadii keessatti guutummaatti hijii akka jalqabu abbaan taayitaa geejjibaa beeksise.

Abbaan taayitaa geejjibaa akka beeksisetti, meeshaan kun amma Bitootessa 30/2011tti yaaliirra kan turu ta’a.

Abbaa taayitichaatti daarektarri ga’umsa nageenya daandii mirkaneessuu obbo Yaa’iqoob Balaayi balaa tiraafikaa qaqqabaa jiru hambisuu danda’u jedhamanii kan itti amanaman keessaa meeshaan saffisa daangessu isa olaanaa akka ta’e ibsaniiru.

Waan ta’eef meeshaan saffisa daangessu konkolaattotarratti maxxansuudhaan konkolaattota daldalaa balaa konkolaataa geessisaa jiran to’achuuf akka dandeessisu dubbataniiru.

Meeshaan kun jalqaba konkolaattota akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2000 oomishamanirratti akka maxxanfamuu fi itti fufuudhaan konkolaattota mootummaa fi manaarratti  akka maxxanfaman ibsaniiru.

Saffisa to’achuudhaan ala konkolaataan eessatti akka argamu, konkolaachiftoonni akka hojiisaaniitti fayyadamaa akka ta’an, balaan yoo irra qaqqabee fi fayyadama boba’aa to’achuuf meeshaan kun akka fayyadu eeraniiru.

Meeshaa kana hojiirra oolchuun akka danda’amu qajeelfamni qophaa’uusaa fi dhaabbileen meeshaa kana biyya alaatii galchan adda ba’uusaanii beeksisaniiru.

Abbaan taayitichaa teekinooloojiidhaan deeggaramee balaa tiraafikaa to’achuun akka danda’amu hojiiwwan biros hojjechaa akka jiru obbo Yaa’iqoob dubbatanii, konkolaachiftoota badii raawwatan yeroo yeroodhaan raga qabachuudhaaf akka biyyaatti galmeen raga qophaa’aa akka jiru eeraniiru.

Biyyattiitti bara 2005-2009tti balaa tiraafikaa qaqqaban 215,531 keessaa 149,918 kan ta’an dogoggora konkolaachiftootaatiin ta’uusaanii odeeffannoon abbaa taayitichaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015