Naannoo Tigraayitti xaa’oo biyyoo qonna gannaaf barbaachisu keessaa walakkaan naannicha seene

81

Finfinnee, Caamsaa 3/2013 (TOI) – Naannoo Tigraayitti xaa’oo biyyoo qonna gannaa bara 2013/14f barbaachisu keessaa walakkaan naannicha qaqqabuu Biiroon Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa bulchiinsa yeroo naannichaa beeksiiseera.

Bara oomishaa kanaatti xaa’oon biyyoo kuntaalli kumni dhibbi 8 kan barbaachisu ta’uu Itti aanaa itti gaafatamaan biirichaa obbo Birihaanee Araa’ayaan ibsaniiru.

Hanga ammaattis kuntaalli kumni dhibbi 4 gara naannichaa seenuu himaniiru.

Bulchiinsi yerichaa Birri biiliyoona 1.8 liqaa laatameefiin xaa’oo biyyoo bituun dhiyeessaa jiraachuu obbo Birihaaneen eeraniiru.

Xaa’icha Qonnaan bultootaaf raabsuuf qophiin xummuramuu eeruun , waldaaleen Hojii Gamtaa Kuusaa qopheessuun hojii fedhii qonnaan bultootaa adda baasuu hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Torbee kana keessa hojiin xaa’oo kanneen gara Aanaaleetti imalchiisuu kan eegalamu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan Callaa Guddiftuu barbaachisu kuntaala kuma dhibba 4 keessaa hanga ammaatti kuntaalli kumni dhibbi 1 fi kumni 50 bittaan raawwatamuun gara naannichaatti imalchiifamaa jiraachuu obbo Birihaaneen dubbataniiru.

Bittaan callaa Guddiftuu kun mootummaa federaalaa fi qaamolee biroon raawwatamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015