Imaamanni Gibtsi fi Sudaan eegalan Itoophiyaa keessa nageenyi akka hin jiraanne taasisuudha- Hayyoota

58

Finfinnee,Ebla 21/2013(TOI) - Imaamanni Gibtsi fi Sudaan eegalan Itoophiyaa keessa nageenyi akka hin jiraanne taasisuun ijaarsa hidha haaromsa Guddicha Itoophiyaa dadhabsiisuuf akka ta’e ogeessonni himan.

Haalaa siyaasa Itoophiyaa keessa jiru akka carraa gaariitti fayyadamuun biyyoonni kunneen kaayyoosaanii milkeessuuf tattaaffii taasisaa jiru jedhaniiru.

Ogeessi dinagdee Akkaadaamii Gaaggeessaa Hojii Itoophiyaa Pirofesar Dooktar Wandafarrawu Mulugeetaa akka jedhanitti, biyyoonni lamaan nageenya Itoophiyaa booressuun ijaarsa hidhichaa gufachiisuuf yaalaa jiru.

Qindeessaan Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa Pirofesar Yilmaa Silashii gamasaniin, Gibtsiifi Sudaan Itoophiyaa keessa nageenyi akka hin jiraanneef karoorfatanii hojjechaa jiru jedhaniiru.

Walitti bu’insi wal waliinii Itoophiyaa keessatti mul’achaa jirus akka carraa guddaatti fayyadamaa jiru jedhaniiru.

Kanaaf dhimma kana mootummaanis ta’e hawaasni hubachuun adda addummaa keessoo nagaan hiikuun birmadummaa biyyaafi nageenya ummataaf waliin dhaabbachuun dirqama ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015