Dubartoonni Yunivarsiitii Amboo nageenyi naannawasaanii akka eegamu gumaachasaanii akka ba’an ibsan

69

Ambo Guraandhala 4/2011  Dubartoonni Yunivarsiitii Amboo nageenyi naannawasaanii akka eegamuu fi tokkummaan biyyaa akka cimu deeggaruudhaan ga’eesaanii akka ba’an ibsan.

Mata duree “ xiyyeeffannoo fi kutannoon olaanaan fayyadamummaa fi hirmaannaa dubartootaa hunda galeessaaf” jedhuun guyyaan dubartootaa Bitootessa 4/2011 yunuiarsiitii Ambootti kabajameera.

Kanneen ayyaanicharratti himaatan keessaa barattuun yuunivarsiitichaa Buzunash Fayyisaa yaada kenniteen, “mooraa kana keessatti nageenyi akka bu’u waan narraa barbaadamu nan gumaacha” jetteetti.

 Nageenyi yoo hin jiraanne barumsi akka hin jirre hubachuudhaan kutaaleen hawaasaa mooraa kana keessa jiran hundi hojii nageenyaatiif xiyyeeffannaa kennuu akka qaban dubbatteetti.

Barattuun Afaan Oromoo waggaa lammaffaa Biifuu Mul’ataa gamasheetiin, dubartoonni, keessumaammoo dargaggoonni badiirraa akka deebi’anii fi walii galchuuf dandeettii akka qaban eertee, kana deeggaruudhaan gumaacha isheerraa eegamu akka baatu ibsiteetti.

“Dubartoonni sanyii fi amantaadhaan osoo wal hin qoodiin miira Itoophiyummaatiin hojjechuu qabna” kan jedhan ammo hojjettuu bulchiinsaa kan ta’an adde Muluummabeet Dabbabaati.

Yunivarsiitichatti itti gaafatamtuun dhimmoota dubartootaa fi dargaggootaa siister Yashii Tarrafaa gamasaaniitiin, dhaabba  keessa dubartoonni dame jiranirratti bu’a qabeessa akka ta’an deeggarsi leenjiin gabbisa dandeettii, badhaasni jajjabeessituu fi kanneen biroo taasifamaa akka jiran dubbataniiru.

Dhaabbatichatti dubartoonni barattoonni, barsiisonnii fi hojjettoota bulchiinsaa ta’an obbolootasaanii cinaa dhaabbatanii nageenyi naannawasaanii nageenyi akka eegamuu fi tokkummaan biyyaa akka cimu kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Pirezidaantiin yunivarsiitii Amboo Dr. Taaddasaa Qana’aa “yunivarsiiticha keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu nagaan akka jiraatu gumaachi dubartoota barattootaa olaanaadha”  jedhaniiru.

Dubartoonni sanyii, naannummaa fi amantaadhaan osoo wal hin qoodiin nageenyaa fi mirgasaanii kabachiisuun akka isaanirraa eegamu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015