Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaaf hundumtuu abbummaan xiyyeeffannoo hojjechuu qaba -Dr Injinaar Silashii

99

Finfinnee, Eebila 17/2013 (TOI)- Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddichaa mirga bilisummaa misoomaa Itoophiyaa ta’uu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.

Kanaafis Itoophiyaanoonni hundi tokkummaa fi waliigaltee fi waloon dhaabbachuun xumuraan ga’uu akka qaban himaniiru.

Kaanaadaatti Imbaasiin Itoophiyaa tumsaa marii hidha haaromsaa guddichaa Kaanaadaa waliin viidiyoo konfiraansiin gaggeeffameera.

Dooktar Injinaar Silashiin marichaarratti haasaa taasisaniin Itoophiyaanoonni hundi tokkummaa fi waliigalteen waloon dhaabbbachuun ijaarsa hidhachaa xumuraan qaqqabsiisuu qabu jedhaniiru.

Akkasumaas diyaaspooraan ambaasaaddara hidhicha ta’uusaan fayyadamuumma haqa qabeessa fi mirga biyyaa isaa beeksisuun akka hirmaatuu waamicha dhiyeessaniiru.

Bitti boondii biyya keessaatti taasufamuuf diyaaspooraan bifa mijataa ta’een akka bituuf Hogganaan Baankii Misoomaa Itoophiyaa obbo Lammaa Waaqaayyoo ibsa taasisaniiru.

Kaanaadaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Naasisee Caalii gama isaaniitin, Adwaa dhaloota amma kan ta’ee ijaarsi hidha haaromsaa guddichi jiruu fi jireenyaa lammiilee Itoophiyaa kan jijjiiruu ta’uusaatiin hundi hirmaannaa taasisee xumursiisuu qaba jechuusaanii waajjirri dubbi himaa Misteera Bishaan, jallisii fi Inarjii iraa ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015