Inistiityuutiin Eeggumsa Fayyaa Beeyladaa Biyyaalesaa Warshaa Qoricha Beelladaa Birrii miiliyoona 100 oliin Magaalaa Bishooftuutti ijaarsise eebbise

288

Finfinnee, Eebila 16/2013 (TOI) - Inistiityuutiin Eeggumsa Fayyaa Beeyladaa Biyyaalesaa Warshaa Qoricha Beelladaa Birrii miiliyoona 100 oliin Magaalaa Bishooftuutti ijaarsise eebbiseera.

Biyya Keessatti warshaan qoricha beelladaa akkanaa hundaa'uun oomishtummaa damichaa guddisuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhamera.

Sirna eebbaa kanarratti Ministirri Qonnaa obbo Umar Huseen dabalatee hoggantoonni Mootummaa Federaalaa fi Naannoo argamaniiru.

Sirana eebba kanarratti Inistiityuutii Eeggumsa Fayyaa Beeyladaa Biyyaalesaatti daarekatara kan ta'an dooktar Maartaa Yamiin akka jedhanitti Itoophiyaan horsiisa beelladaan maqaa gaarii qabaattus bu'aan damee kanarraa argattu quubsaa miti jedhamera.

Haalli horsiisa beelladaa biyyatti duubatti hafaa ta'uu fi beelladoonni dhibeewwan alaa fi keessoo gara garaaf saaxilamoo ta'uun isaanii omishtummaa damichaarratti dhiibbaa uumuu ibsameera.

Ijaaramuun warshaa kanaa biyyattiin bu'aa beelladarraa argattu daraan akka fooyya'uuf qoodaa olaanaa qabaachuu himameera.

Warshaan kun bittaa qorichoota dhibee beelladaa sharafa alaaf biyyattiin baasaa turte hanbisuu cinaatti qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan qoricha qulqullina qabu dhiyeenyatti akka argataniif gumaacha olaanaa qaba jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015