Kilabni Qidduus Giyoorgis taphattoota garichaa 4 hojiirraa dhorke

89

Finfinnee, Eebila 15, 2013 (TOI) – Kilabni kubbaa miillaa Qidduus Giyoorgis sababa hanqina namuusaan taphattoota kilabichaa Geetaanaa Kabbadaa, Aschaalew Taammanaa, Gaaddisaa Maabraatee fi Muluuleem Masfin garee olaanaa kilabichaa keessa taphataan keessaa dhorkuu beeksiise.

Kilabichi ibsa laateen garicha bu’aa qabeessa taasiisuuf hoggansi boordichaa humna qabu hundaan deeggarsa barbaachisu taasiisaa jiraachuu himeera.

Ta’uu garuu taphattoonni tokko tokko namuusni agarsiisaa jiran kan isa yaaddesse ta’uu ibsera.

Tapha kaleessa Istaadiyeemii Dirree Dawaatti Jimmaa Abbaa Jifaar waliin gaggeeffameen Geetaanaa Kabbadaa, Aschaalew Taammanaa, Gaaddisaa Maabraatee fi Muluuleem Masfin namuusa badaa taphattootarraa hin eeggamne agarsiisuu himeera.

Boordiin kilabichaa walga’ii ariifachiisaa gaggeesseen namuusni taphattoonni kunneen agarsiisaan qoratamee gabaasni hanga dhiyaatuutti yeroof garicha keessaa dhorkamanii akka turan murteessu ibsameera.

Kanuma hordofee taphaattoonni kunneen har’a Dirree Dawaa gara Finfinnee akka deebi’an taasiifamuu himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015