Torbee sadi keessatti gartuun dhiigaa ‘O’ korojoon kumni 6 ol walitti qabamuu ibsame

83

Finfinnee, Eebila 14, 2013 (TOI) – Tajaajilli Baankii Dhiigaa Biyyaasaa torbee sadi keessatti gartuun dhiigaa ‘O’ korojoo kuma 6 ol walitti qabamuu beeksiise.

Tajaajilli Baankichaa hanqina dhiigaa gartuu ‘O’ muudate furuuf wamicha dhiyeesse hordofee torbee sadi keessatti korojoo kuma 6 ol walitti qabuu ibseera.

Yeroo ammaa kuufamni jiru gara guyyaa 15nitti ol guddachuu himeera.

Ammas hanqina jiru hundeerraa furuuf hawaasni dhiiga arjoomuu akka itti fufuu waamicha dhiyeesseera.

Baatiwwan salgan darbanitti dhiigni korojoon kumni dhibbi 2 fi kumni 11 arjoomtootarraa walitti qabamuu ibsameera.

Baankiwwan Dhiigaa naannoleetti argaman haala gaariin hawaasarraa dhiiga akka walitti qaban galteewwan guutuu dabalatee deeggarsi teeknikaa taasiifamaa jiraachuu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015