Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuu abbootiin qabeenyaa Raashiyaa haala itti Itoophiyaatti hojjechuu danda’anirratti mari’atan

70

Finfinnee, Eebla 14/2013 (TOI)- Raashiyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuu abbootiin qabeenyaa Raashiyaa waliin haala itti Itoophiyaatti hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Marichi Seenti Piitarisbargitti fooramiin idil addunyaa qindeessummaa mana maree federeeshinii fi waldaalee daldalaa naannichaan kan qophaa’eerrattidha.

Qaamolee daldalaa magaaloota Raashiyaa 30 irraa walitti kan baba’an dabalatee dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa, hawaasa diippilomaasii akkasumaas abbootiin amantaa hirmaataniiru.

Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuu haala mijata daldalaa fi invastimantii damee albuudaa, inaarjii, informaashin kominikeeshin teeknooloojii akkasumaas damee daldalaan bunaa fi mi’eesituufaa irratti ibsa laataniiru.

Akka ragaan waajjira dubbi himaa ministeera dhimma alaa irraa arganne mul’isutti, miseensoota garee jila daldalaa Itoophiyaa daawwatan galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015