Lammiileen Ityoophiyaa 339 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

116

Finfinnee, Eebila 11/2013 (TOI) – Lammiileen Ityoophiyaa 339 Saa’ud Arabiyaa magaalaa Riyaadirraa gara biyyaa deebi’aniiru.

Lammiileen kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’an bakka bu’aa daayreektara jeneraalaa dhimmoota Qoonsilaa Ministeera Dhimma Alaan simatamuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.