Magaalaa Galgal Balasitti namni tokko Rasaasa 4508 shiiftootaf dabarsuuf osoo jedhu to'atame.

Finfinnee,Ebla 11/2013(TOI) - Naannoo Beenishangul gumuus godina Matakkali Magaalaa Galgal balasiitti rasaasa Kilaashikoovii fi bireenii 458 shiftootaf dabarsuuf osoo jedhu namni tokko to'anna jala oolera.

Namni kun mana daldalaa Warqee fi faaya biroo keessatti rasaasa kana kuusuun osoo shiftootaf dabarsee kennuuf jedhuu eeruu uummanni kenneen to'anna jala akka oolu ta'e jedhamera.

Humni nageenyaas kaleessa galgala sakattoo taasiseen rasaasa Kilaashikoovii 395 fi kan bireenii 63 waliigalan rasaasa 458 to'anna jala olcheera.

Komandiipostiin gonichaa akka Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himetti namicha rasaasa kana kuusee fi kaneen isa waliin hidhata qaban dabalatan to'ateera.

Godinichatti kaneen shiftoota deeggaruun nageenyi godinichatti akka hin jirannee taasisaan hundaa irratti hodooffi gochuun to'achuu akka itti fufuus beeksisera.

Kanaafis Komaandpostiin godinicha Uummata waliin walta'ee hojjechaa jiraachuu himera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015