Ministirri Muummee dooktar Abiy Ahimed Gamoo biiroo ejansii nageenyaa fi odeeffannoo biyyaaleessa eebbisa

89

Finfinnee, Ebla 9/2013(TOI)- Ejansiin Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa gamoo waajjira olaanaa Birrii Biiliyoona 2.1 oliin Finfinneetti ijaarsise eebbisiise.

Eebba gamoo kanarratti ministirri muummee Dr.Abiyyii Ahimad,Giifti duree Aadde Zinnaash Taayyaachew,ministira Nageenyaa Aadde Mufaariyaat Kaamil, qondaaltota mootummaa olaanoon Federaalaa fi naannolee akkasumas keessummoonni garagaraa argamaniiru.

Gamoon kun lafa km 7550 irratti kan ijaarame yoo ta'u gamoowwan 5 of keessaa kan qabudha.

Kanneen keessaa 4 abbaa darbii 14 fi gamoon tokko ammoo abbaa darbii 17 ti.

Ejansiin nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa bara 1999tti labsiidhaan akka hundaa'uuf gahee adda durummaa kan taphatan Dr.Abiyyi Ahimad ta'uu ragaan arganne ni mul'isa.

Ejansichi nageenyi saayiberii kan hawaasnii fi biyyi itti amanu akka ta'uuf gahee guddaa bahachaa turuunis himameera.

Ejansiin kun waggoota 13'n darban gamoo kireeffachuun fayyadamaa akka turee fi gamoon ijaarame rakkoo kana duraa kan furuuf ta'uun himameera.

Ejansiin nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa bu'uuralee misoomaa gurguddoo odeeffannoo fi kompitaraa giddu galeessa godhate nageenya isaanii mirkaneessuun hojii misoomaa,nageenyaa fi dimokiraasii biyyaaf oolchuuf kaayyeffatee hundeeffame.

Ejansii kana keessatti ijoolleen waggaa 7 kaasee dandeettii teeknoloojii isaanii kan ittiin guddifatanidha jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015