Ijibti guutinsi bishaanii hidhichaa marsaa lammaffaa dhiibbaa akka isheetti hin fidne beeksiste

98

Finfinnee, Ebla 8/2013(TOI)-Ijibti guutinsi bishaanii Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa marsaa lammaffaa dhiibbaa akka isheetti hin fidne, yoo fides sana dandamachuuf bishaan gahaa akka qabdu Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Saamii Shukurii kaleessa miseensota paarlaamaa biyyattif ibsaniiru.

Itoophiyaan ganna kana guutinsa bishaanii marsaa lammaaffaa hidha haaromsaa guddicha irratti geggeessuuf akka jirtu himteetti.Minstiricha akka ibsanitti guutinsi hidhichaa marsaa lammaffaa Ijibti dhiibbaa yoo qabaates kana ittisuuf mootummaan qophii gahaa gochuusaa ibsanii, hidha Asiwaanirraas bishaan gahaa qabaachuusaanii ibsaniiru.

“Qo’annoo teknikaarratti hundaa’eeni ibsa kana kaniin isiniif kennu” jedhanii, ji’oottan Gannaa baranaattis lolaan olaanaan ni eegama, kanaaf Itoophiyaan bishaan hidhichaa yoo guuttes dhiibbaa hin qabaatu jedhanii, lolaan mudatus hidha keenya deebisnee guutuuf nu gargaara jedhaniiru.

Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa Ijibtirratti miidhaa hin qaqqabsiisu. Haa ta’u malee miidhaa kan qaqqabsiisu yoo ta’es gama kanaan dandamachuuf qabeenya damee hundaan qabna jedhaniru ministirichi.Itoophiyaan ijaaramuun hidhichaa Ijibti miidhaa akka hin qaqqabsiisne irra deddebiin ibsaa kan turte yoo ta’u, guutinsa bishaaniirrattis biyyoota kaan otoo hin miidhiin kan gaggeeffamu ta’uu yeroo adda addaatti ibsuunshee ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015