Gaazexxeessaan Tigiraay Miidiyaa hawusii fi Ityoophiaatti bakka bu’aa fi qopheessaan olaanaa Ayigaa Fooram too’annoo jala oolan

133

Finfinnee, Eebla 8/2013 (TOI)- Gaazexxeessaan Tigiraay Miidiyaa hawusii fi Itoophiaatti bakka bu’aa fi qopheessaan olaanaa Ayigaa Fooram too’annoo jala oolu Raayyaa Ittisaa Biyyaa beeksise.

Gaazexxeessittonni Tigiraay Miidiyaa hawusii gaazexxeessaa Fistuum Birhaanee fi Ityoophiaatti bakka bu’aa Fi qopheessaan olaanaa Ayigaa Fooram gaazexxeessaa Taamiraat Yemaane Magaalaa Maqaaleetti mana nama dhuunfaa istuudiyoo kireeffachuun piroopaagaandaa sobaa tamsaasaa turanitti too’annoo jala oolaniru.

Sakkata’insa mana namoota kanaatti taasifameen, garee juuntaaf ergamuuf kan ture qorichoota hedduu, uffata, meeshaalee elektirooniksii fi dookimantiin hedduun qabamuu himameera.

Ajajaan Olaanaa kumaa 3ffaa Kumaalaa Darajjee Deebisaa Magaalaa Maqaalee keessatti nagaaf tasgaabii uumuuf tarkaanfii garagaraa fudhataman keessaas meeshaalee waraanaa salphaa hanga meeshaalee gurguddootti hojiin namoota dhuunfaa irra hiiksisuus raawwatamuu himaniiru.

Raayyaa Ittisa BIyyaa akka ibseetti, magaalittitti hannaafi dhimmonni yakkaa waliin walqabatanis hir’achuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015